top of page

Awal Aloo: Humna Oromoo keessattis alattis ni jabeesssa

Mootummaan naannoo Oromiyaa namoota paartii mormituu hundeessanii socho'aa turan Birgaader Generaal Kamaal Galchuu Hoogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa, Birgaader Jeneraal Haailuu Gonfaa ammoo Komishinara Komishinii Poolisiii Oromiyaa gochuun muudeera.

Namoonni kunniin qaama nageenyaa mootummaa ta'uun tajaajilaa kan turan ta'us hidhannoon qabsa'uun dantaa uummata kabachiisuu filachuun biyyaa erga bahanii waggoota 10 ol booda affeerraa ministirri muummee Itoophiyaa taasisaniin ji'oota muraasa dura biyyatti deebi'an.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhaabbilee siyaasaa mormituu hedduun biyyatti deebi'anii karaa nagaan socho'uu eegaluu isaanii wajjin walqabatee wanti gaariin walitti dabalamuun dhaaba siyaasaa jabaa 2 fi 3 ta'uun filannoo gaarii akka ta'e waltajjiiwwan hedduurratti ibsaa turaniiru.

Dhaabbileen Birgaader Jeneraal Kamaal Galchuun hoogganamuu fi kannen biroonis akkamatti tukkummaa uumu osoo jedhamuu PDO'n namoota kanaaf aangoo kennuun osoo hin eegamanii tasa dhagaahame.

Muudamni akkasii seenaa siyaasaa dhaaba naannoo Oromiyaa bulchuu ODP keessaatti kan baratamee miti.

Xinxaltootni maal jedhu?

Namoota kanaaf gama nagaa eegsisuun qaama mootummaa ta'uun gahee hoggansaa akka bahan taasifamuun siyaasa biyya sana keessatti jijjiiramni guddaan deemaa akka jiru agarsiisa jedha Landan, Yuuniversitii Keelitti Barsiisaa seeraa ka ta'an Dr. Awwal Qaasim Aloo.

Hooggantoota dhaabbilee mormituu kana amananii aangoo gurguddoo kennuufin kun jijjiiramni guddaan ta'aa jira jechuu qofa osoo hin taane, sadarkaa ilaalchaattis jijjiiramni dhufaa jiraachuu mul'isa jechuun haala jiru ''paradigm shift'' jechuunis ibsan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa Sadarkaa naannoottis biyyooleessattis jabaa ta'ee argamuufi gaaffii uummataaf deebii sirrii kennuuf walitti kalaahanii humna tokko ta'uun barbaachisaa dha kan jedhan Dr. Awwal ''ilaalcha dhaaba siyaasaa jaajjaboo muraasa uumuuf sochii eegalame ta'uu mala'' jedha.

Paartileen ilaalchi isaanii walirraa hin fagaanne gargar bahanii wal mormuurra osoo walitti dhufanii beekumsas humna namaas walitti dabalanii socho'an bu'aa gaarii fiduu danda'uu jedhan.

Humna Oromoo keessattis alattis jabeessuu wajjiin walqabatee tarkaanfiin amma fudhatame kun tarkaanfii jabaadha akka ogeessa kanaatti.

Bu'aan isaa kana bira darbuun mootummaan akka duraanii osoo of hin cufiin of bane aangoon keenya qofaa miti kan Oromoo maraati ergaa jedhu dabarsuu waan fedhe fakkaatas jedhu.

Dhiyaadha odeeffannoof 
Uummata Oromoo
Archive
Search By Tags
No tags yet.
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
bottom of page