top of page

AANGAWOOTNI BULEEYYIIN TPLF..

Aangawootni buleeyyiin TPLF naannolee irra naannawuun shira ummata naannolee biyyattii walitti buusuuf duula waggaa lamaa oliif adeemsisaa turan yeroo ammaas cimsanii itti fufuu maddeen addeessan. 


Naannoo Beenshangul-Gumuuz Magaalaa Toongootti Sambata darbe hawaasa hiriira deeggaarsaa Muummicha Ministeeraa Dr.Abiy Ahimed'f bahe irratti dhukaasa humnoonni mootummaa bananiin lubbuun namoota sadii darbuun kanneen gara dhibba lamaatti dhiyaatan madaayuu gabaasa keenna guyyaa kaleessaatiin isin biraan gayuun keenna ni yaadatama.

Haaluma kanaan duulli shiraa jijjiiramaafi imala cee'umsa gara dimokiraasiitti godhamu gufachiisuu aangawoota mootummaa wayyaaneen shiramaa jiru cimee itti fufuu maddeen OMNtti himaniiru. Akka jiraataan Naannoo Beenishaangul Gumuuz OMNf yaada kennetti humnootni poolisoota addaa naannoo beenishaanguliifi namootni ergama aangawoota wayyaanee buleeyyiifi jijjiiramootni biyyattii keessatti godhamaa jiru isaaniif hin liqimfamne sabootaafi sablammoota jaalalaafi kabajaadhaan baroota dheeraadhaaf waliin jiraataa turan walitti naquuf hojjatamaa jira. Namootni ergama wayyaanotaa fudhatan kunniin meeshaalee waraanaa gara garaa qabachuun lammiilee biyyattii baroota dheeraadhaaf naannoo beenishaangul keessa jiraataa turaniin nurraa bayaa jechuun doorsisaa jiru kan jedhe namni OMN dubbise kun poolisotni humna addaa naannichaas yaada kana tumsaa jiru. Rakkoon nageenyaa kun erga aangawaan olaanaan TPLF obbo Abbaay Tsahaayyee gara naannichaatti imalaniin booda uumamuun jiraattotaan baldhinnaan dubbatamaa jiraachuu kan dubbate jiraataan haalli nageenyaa ammas yaaddoo guddaa keessa jira. Magaalaa toongoofi Asoosaatti dhiibbaan dhalattoota Oromoo, Amaaraafi sabootaafi sablammoota irratti godhamaa jiru qaamolee nageenyaa federaalaan hiikamuu baannaan rakkoon mudachuuf deemu hawaasa daran yaaddessuu odeeffannoon gamasii arganne ni mirkaneessa.

Dhiyaadha odeeffannoof 
Uummata Oromoo
Archive
Search By Tags
No tags yet.
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
bottom of page