top of page

JILLII ADDA BILISUMMAA OROMOO ABOn FINFINNEE GALEE JIRA 14/8/2018

Jilli Adda Bilisummaa Oromoo Finfinnee gale. Preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktarri kabajaa Lammaa Magarsaa fi ministirri Dhimma Alaa Dooktar Warqinah Gabayyoon Hagayya 1,2010 Asmaraatti jila marii ABO waliin mari'achuudhan waliigaluun isaanii ni yaadatama. Haaluma waliigaltee kanaan jilli marii ABO har'a Finfinnee galeera. Jilichaafis itti gaafatamaan ijaarsaa fi siyaasaa magaalaa DhDUO obbo Kafyaalaw Ayyaanaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booletti simannaa taasisaniifiru. Obbo Kafyaalaw akka himanitti jilichi gara biyyaa deebi'uun siyaasa biyyattii kan ceesisu. Jila ABO Finfinnee gale miseensi koree hoji raawwachiistuu fi oduu himaa addichaa Toleeraa Adabaatin duurfama.I  

Dhiyaadha odeeffannoof 
Uummata Oromoo
Archive
Search By Tags
No tags yet.
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
bottom of page