top of page

HAALLEELAA BOONBI WAXABAJJII /16 BARA 2010 ADDABABAYII MASQALAATTI TA'E.

Halleellaa boombii Waxabajjii 16 bara 2010 Addababaayii Masqalaarratti ta’een wal qabatee namoota shakkaman 5 irratti himanni Shororkeessumaa baname. Akka Gabaasa gaazexaa Rippoortaritti shakkamtoonni badii sana qaqqabsiisan Ministira muummee Ajjeesuuf haleellaa san raawwatan. Akka himata Abbaa Alangaatti shakkamtoonni ajjeechaa kana kan karoorsan Mootummaan Ministira Muummee Abiyyin durfamuu hin qabu jedhaniitu. Mootummaaan hogganamuu kan qabu Adda Bilisummaa Oromootiin kaayyoo jedhu warra qabaniin haleellaa raawwate ta’uu Abbaan alangaa himata isaa keessatti eeree jira. 

Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin Yaalii Ajjeechaa Ministira muummee waliin wal qabatee namoonni shakkamanii himataman Addicha waliin walitti dhufeenya akka hin qabnee beeksiseeti jira.



Waayee himatamtootaas quba hin qabu jedheera.


Addi Bilisummaa Oromoo akeeka fonqolcha mootummaa akka Haahin qabnee fi miseensota isaas kaayyoo akkanaaf akka hin bobbaafne dubbii himaan Addichaa Obbo Toleeraa Adabaa himaniiti jiru.


I

Dhiyaadha odeeffannoof 
Uummata Oromoo
Archive
Search By Tags
No tags yet.
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
bottom of page